Jump to content

Xiinleetoo

Wikipedia irraa

Xiinleetoon ykn Ontoloojiin damee falaasama waa'ee jiraachuu fi wantoota qabatamaa hin taane qorachuu irratti xiyyeeffatu keessaa isa tokkodha. Jechi kun afaan Giriikii irraa kan dhufe yoo ta'u, "ontos" jechuun "jiraachuu" yoo ta'u -λογία hiikni isaas "qo'achuu" ykn "barreessuu" jechuudha.Dameewwan xiinuumamgarasii ykn Xiindhugomuumaa(metaphysics) bu’uuraa fi barbaachisoo ta’an keessaa isa tokkodha. Dirreen qorannoo kun maalummaa jiraachuu alqabatamaa(non-material)fi dhimmoota meetaafiiziksii yaad-rimeewwanii fi seera saayinsii wajjin walqabatan kanneen akka wantoo, anniisaa, yeroo, iddoo, hangamtaa, akkamtaa, qabata, seera, fi jiraachuu sammuu qorata.

Xiinleetoon yaad-rimee "ta'uumsaa(being)" ykn "lee'umsa(existence )" jedhu qoratee gosoota lee'umsa adda addaa ramaduudhaan leetoo(entity)adda addaa fi akkina(pattern) isaanii  jireenya keessatti adda baasuu fi hubachuuf yaala. Dabalataanis, xiinleetoon qorannoo dhugantaa(reality) wajjin walitti dhufeenya guddaa qaba.