Jump to content

Gubaa sulula qiinxamaa

Wikipedia irraa
Gubaa sulula qiinxamaa
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan
ICD/CIM-10A92.4 A92.4
ICD/CIM-9066.3 066.3
DiseasesDB31094

Gubaa sulula qiinxamaa (RVF) kun dhukkuba vaayirasii kan hoo’ina qaamaa (dhukkubbii salphaa) argamsiisun dhukkubbi cimaaf geessisuudha. Mallattoowwan dhukkubbii hoo’ina qaamaa (salphaa)kun: gubaa, dhukkubbii qaama foonii, fi bowwoo mataawan yeroo baay’ee torbaniif turu dabalatu. Dhukkubbiwwan cimoon tari kan dabalatu: erga qabamanii kaasee jalqaba torbee sadiirra arguu dadhabauu, tuqamu sammuu kan bowwoo mataa hamaa geessisuu fi raata’uu, fi dhiiguu rakoo tiruu waliin dabalatee guyyoota muraasa keessatti mul’atu faa dha. Warrii rakkoon dhiiguu irratti mul’atu harka 50% kan caalan carraa du’aaf saxilamuut qabu.[1]

ka'uumsa isaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dhukkubichi kan uummamu kara RVF vaayirasii, gosti isaa filebovaayiras jedhamuuni. Dhukkubni kun kan dardarbuu danda’u dhiiga beeylada summaa’ee yootuqan, naannoo beeyladoonni summaa’an (dhukkubsatan) yeroo qalamannaannoo sanatti qilleensa waliin qaama keessa seenun, aannan dheedhii horii dhukkubsatee dhuguun, yookin ciniinnaa boookeedhukkubichaan faallamteen. Beeyladaaleen kan akka, saawwanii, hoolaa, re’ee fi gaalaa dhukkuba kanaan qabamuu danda’uu. Beeyladoota kanarratti baay’inaan dhukkubichi kan tamsa’u karaa bookewwaniiti. Namni dhukkubsate tokko dhukkubicha gara nama kan biraatti dabarsuun isaa hin mul’anne. Dhukkubicha qorannoodhaan bira ga’uuf ittistuu qaamaa/antibodies qaamni vaayirasii dhukkubichaa ofirraa ittisuuf uumu ilaalun yookin vaayirasichuma mataa isaa dhiiga keessatti ilaalun addaan baasun ni danda’ama. [1]

Ittisaa fi yaalii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dhukkubicha namarraa ittisuun kan danda’amu beeyladoonni akka dhukkuba kanaan hin qabamne talaalli keennudhaan ta’a. Kunis otoo dhukkubichi bifa weerraraatin hin ka’in ta’uu qaba, erga weerrarri ka’een booda yoo ta’e garuu haalicha baay’ee hammeessuu mala. Wayitii weerraraa beeyladoonnii iddoodhaa gara iddootti akka hin sochoone ittisuunis fayyaduu dandaa’a. Baayina bookewwanii hiri’isuu fi akka nama hin ciniinne gochuunis akkasuma faayidaa qaba. Namaafis talaallin ni jira; haa ta’u malee, erga bara 2010 as bal’inaan hin argamu. Once infected there is no specific treatment.[1]

Tamsa'ina fi seena isaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Weerrarri of dhuukkubichaa kan mul’atu Afrikaa fi Arabiabiyya Arabaakeessa qofatti. Weerrarrii yeroo baay’ee kan uummamu yeroo bokkaan eddumaatee booken gar malee wal hortuudha.[1] Dhukkubni kun yeroo jalqabaatif kan gabaafame loon irraati Sulula Qiinxamaa/Rift Valley biyya Kenya keessatti jalqaba bara 1900 keessa ture,[2] akkasumas vaayirasiin isaa yeroo jalqabaatif kan adda ba’ee beekkame bara 1931. [1]

  1. 1.0 1.1 1.2 1.3 1.4 Namoonni HAADHA MANAA isaanii waliin walqunnamtii saalaa jalqabuuf utuu jedhanii, utuu qunnaamtii hin godhiin jalaa qaamni kormaa dhangala’u ykn eegalanii daqiiqaa 1 gaditti xumuran rakkoo kana qabu jedhamee yaadama. Waanti kun takkaa yoo nama qabate waan nama hin gadhiifne yokaan nama waliin hafu miti. Waqxii tokkoof nama mudatee baduus danda’a, namoota tokko tokkorrammoo turuu danda’a. Dhibee kana kan fidu kana jedhamee quba itti qabamee adda baafamuu baatus kanneen armaan gadii waliin ta’anii harka keessaa qabu. 1. Dhiphina/muddama sammuu (stress) 2. Yeroo hedduu garmalee gadduu (depression) 3. Sodaan walqunnaamtii saalaa hin danda’u jedhu dursee sammuu keessa jiraachuu. 4. Miira balleessaa qabaachuu (guilt) namatti dhaga’amuu 5. Rakkoon hariiroo jaalalaa (relation ship) jiraachuu. AKKAMIIN OFGARGAARUU DANDEENYA? Namoota rakkoo kana qaban keessaa 95% osoo qoricha mana yaalaa hin barbaadiin maloota armaan gadii kana keessaa kan isaaniif ta’u fayyadamanii dhibee kana ofirraa balleessu. 1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa. 2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanyoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an. 3. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha. 4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara. 5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna. 6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema. 7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf. Fayyaan faaya Dhibee Wal qunnamtii Saalaa Dafanii Xumuruu Faayidaa Timiraa Mallattoo Dhukkuba Kalee fi Wantoota Gochuu Qabnu Mallattolee Dadhabuu Onnee Dhiita'uu Qaama Saala Dhiiraa(Varicocele)fi Mallatto Isaa Haphachuu Rifeensaa Akkamiin Ittisuu Dandeenya? Mallattoo, Ka'umsaa fi Furmaata Hir'ina Dhiigaa Dhukkuba Huuba Qoonqoo/Toonsilii Faayidaa Jinjibilli Qabu
  2. Palmer, S. R. (2011). Oxford textbook of zoonoses : biology, clinical practice, and public health control (2nd ed.). Oxford u.a.: Oxford Univ. Press. p. 423. ISBN 9780198570028.