Istiraatoosfeerii
Appearance
![](http://178.128.105.246/host-http-upload.wikimedia.org/wikipedia/commons/thumb/a/a5/ISS-46_Soyuz_TMA-17M_reentry.jpg/220px-ISS-46_Soyuz_TMA-17M_reentry.jpg)
Istiraatoosfiiriin yookaan Hawaardiyaan baqaana tirooppoosfeeriitti aanee argamuudha. Baqaana kana keessatti olka'iinsi yoo dabalu teempreecharris suuta dabalaa deema. Kunis kan ta'eef kuufamni guddaan ozoonii (O3 ) baqaana kana keessatti argama. Jiraachuun Oozoonii immoo carallaan dhilgee'ol (Altiraavawoleettii) jedhamu akka keessatti xuuxxamee hafu taasisa. Daangaan Istiraatoosfeeriifii meesoosfeerii Istiraatoopaasi( Iggitii Babaqqaannoo ) jedhama. Kunis hanga 20km olfagaatee argama