Jump to content

Kemistirii

Wikipedia irraa

Keemistirii ykn Xiinsootra barnoota saayinsii uumamaa jedhamanii beekaman keessaa isa tokko yoo ta'uu waa'ee caasa wantootaa,amalootaa fi qabiyyee wantootaa kan qo'atuudha.

Maqaan "Kemistirii" jedhu Afaan Ingilizii irraa kan dhufe yoo ta'u, bara 1700 Dh.K.D. Kanaan dura qorannoon biraa "alkeemii" jedhamu ture. Alkeemiin kun kaayyoon inni guddaan sibiilaa gara warqeetti jijjiiruu ture. Hawwii hin danda'amne akka ta'e hubate. Namni alkeemii hojjetu 'alkeemistii' ykn salphaatti 'keemistii' jedhama. Hojiin keemistii dhaloota boodaa 'keemistii' jedhama ture.

Maqaan "Alkeemii" jedhu afaan Arabaa "Al-Kimiya" (الكيمياء ykn الخيمياء) irraa kan argame yoo ta'u hiikni isaas "ogummaa jijjiiramaa" fi ka'umsa jecha kanaati. Mirkanaa'ee hin beekamu. Yookiin Giriikii "chemeia" (χημεία, sibiilli baqfame) irraa yookaan maqaa Misrii durii "kamat" (hiikni isaa "ogina kemeet") irraa ta'uu danda'a.

Akkasumas, sagaleen jecha "keemikaalaa" jedhu Afaan Ingiliffaatiin "keemistirii" irraa kan dhufe yoo ta'u, afaan oromootiin immoo, "Xiinsootra" jedhama jechi sootra jechuu jecha afaan ingiliffaa chemical jedhu bakka bu'u yoo ta'uu jechi kunis jecha afaan oromoo sootroo jedhu irraa yaafamefi hikkaan sootroo immoo jecha ingiliiffaa 'Drug' jecha jedhu bakka bu'a.

Maqaalee wahiyyoo Afaan oromoon:-

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
1 - H - Bishooftoo
6 - C - Cilayyaa
8 - O - Hadhituu
11 -Na- Soogiddoo
13 -Al- Saldaqa
14 -Si - Cicalayyaa
15 -P- Badaatuu
16 - S - Waalgaa
26 - Fe - Quraata
27 - Co - Dhasasa
29 - Cu - Girjaa
47 - Ag - meetii
50 - Sn - Qorqorroo
51 - Sb - Kuula
78 - pt - Sibilboora
79 - Au - Sookoo
80 - Hg - Bisha meetaa
82 - Pb - Dilaalii
88 - Ra- Calaqa